Napačna izbira? Nič za to! Izdelke lahko vrnete do 30 dni
Z darilnim bonom ne morete zgrešiti. Obdarovanec lahko v zameno za darilni bon izbere karkoli iz naše ponudbe.
Do 30 dni za vračilo
Biyyi lafaa dhangaa Soogiddaafi qara ifaa hinqabne; ona. Biyyi lafaa akkasii wareegama Kiristiyaanonni lafa kanarratti abdii barabaraatiif kanfalan, cilee diba. Sababnisaa, Kiristiyaanotni akka Soogiddaafi Ifa biyya lafaa ta'anii warra dibamanidha. Soogiddi; dhamdhamaafi lubbuu dhamaa dhangaa tokkof kenna. Ifni ammoo; ija dukkanaa dura dhaabata, daandii mul'isee akeeka, daawwitii abdiiti. Maarree, Soogiddaafi ifa malee, biyyi lafaa kun, hiika guutuu miireffannu hin qabaattu turte.
Himmoonni Kunneen lamaan, irree Kiristiyaanotaa bitaafi mirgaati. Mul'anniifi galmi kiristiyaanotaa soogiddaafi ifa biyya lafaa ta'uudha. Kana yoo jennu maal jechuu keenya? Gochaafi dubbiin isaanii weedduu jijjiiramaafi qajeelummaati jechuudha. Abuurraafi eenyummaa isaanii kanaaf Kiristiyaanonni yeroo bitamuufi ajajamuu dadhabanidha, kan biyyi lafaa rakkoo hudhaa ta'e keessa seentu. Har'as biyya lafaa kana keessatti, hir'inniifi rakkoon nuti arginu caalmaan, maddi isaa kanadha.
Har'a, dukkannifi hadhaa'umman biyya lafaa keessa guutee jiru kun, kiristiyaanoonni dirqama isaanii akka ba'aniifi rakkoo naannoo isaanii jiru irratti jijjiirama akka fidaniif dibbee waamichaa taasisa. Biyya lafaa kiristiyaanonni ga'ee isaanii hinraawwanne keessatti soogiddiifi ifni jiraachuu dhibuun isaa; hawaasa mi'aa, kallattiifi kaayyoo hinqabne fidaa deema. Amantoonni gahee ergamtoota jijjiiramaafi ambaasaaddara jaalalaa ta'anii yeroo jiraatan, biyya lafaa keessatti dhiibbaa qabaachuufi jijjiirama fiduu akka danda'an, kitaabni kun yaadachiisa cimaadha.
Pozdravljeni! Sem Libroamiko, vaš knjižni svetovalec.
Kako vam lahko pomagam?